Ministeerri Raayyaa Ittisaa biyyaa ergaa baga geessanii dabarse

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2016 (FBC) – Ministeerri Raayyaa Ittisaa biyyaa guyyaa Raayyaa Ittisaa 116ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.

Guyyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa 116ffaan har’a mata duree ‘Raayyaa Injifataa, Qormaata hunda dandamatu’ jedhuunkan kabajamu ta’uu eereera.

Itiyoophiyaan diina qolachuun biyyoota seenaa qaban keessaa ishee tokko ta’uu ibseera.

Itiyoophiyaan durii eegaltee diina keessaa fi alaaf jilbiiffattee kan hin beekne qormaata weerartootaa fi baandawwanii ce’uun biyya har’a geesse ta’uu seenaan galmeessuu himeera.

Biyya aadaa hedduu fi Seenaa ajaa’ibaa qabdu, raayyaa isheen qaanoftee kan hin beekne, seenaan kan ragaa ba’uuf ta’uu eereera.

Har’as diinoonni keessaa fi alaa rakkoo uumanis aadaa gootummaa qabduu fi gootichi Raayyaa Ittisaa ummata waliin ta’uun gufuulee fi qormaatilee hunda dandamachuun imala misoomaarra jiraachuu ibseera.

Raayyaan Ittisa Biyyaa yeroo kamiiyyuu, iddoolee kamittuu ummata waliin ta’uun nageenya itti fufsisaa jiraachuu himeera.

Wayita guyyaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa 116ffaa kana kabajnus waadaa keenya haaromsuun gootota birmadummaa biyyaaf jecha wareegaman yaadachaa ummata bal’aa waliin nageenyaa fi misooma biyyaaf waloon dhaabbachuuf guyyaa waadaa itti gallu ta’uu eereera.

Qormaataa hunda dandamachuun Raayyaa Injifataa ta’uun akkuma har’a geenye yeroo itti aanus ummata bal’aa waliin ta’uun wareegame biyyaaf kaffalamu kamiiyyuu kaffaluun nageenyaa fi guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuu itti fufsiifna jechuun ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment