Ministeerri Raayyaa Ittisa fi Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2016 (FBC) –Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii damee maariitaayimii fi dhimmoota walqabatan biroorratti waloon hojjechuuf kan dandeessisu waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigaltichas Ministira Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee fi Ministirri Raayyaa Ittisaa Biyyaa Dooktar Abraham Balaay mallatteessaniiru.

Waliigaltichas odeeffannoo waljijjiiruu, ijaarsa dandeettii akksumas raggaasifamoota bishaanii idil addunyaarratti waloon hojjechuuf ta’uu TOI gabaaseera.

Ministiroonni kunneen ibsa kennaniin waligalticha sirnaan hojiirra oolchuuf gahee irraa eegamu kan bahatan ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment