Finfinnee, Hagayya 13, 2013 (FBC) – Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Chaayinaa Minsiteera Raayyaa Ittisaa Ityoophiyaaf talaallii Covid -19 doozii kuma dhibba 2 deeggarsa taasiiseera.
Deeggarsichi namoota kuma dhibba 1 fi kuma 50f talaallii guutuu laachuuf kan dandeessiisu ta’uu Itti gaafatamaan Qajeelcha Ittisaa Dhibee fi babal’ina Fayyaa Dooktar Kolooneen Alamuu Tikkee ibsaniiru.
Miseensota Raayyaa Ittisaa adda Waraanaa jiraniif Talaallii imalchiisuu fi dhiyeessuuf Ejansii Dhiyeessa Qorichaa Ityoophiyaa fi qooda fudhattoota biroo waliin hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Ministeerri Raayyaa Ittisaa Chaayinaa Baatii Caamsaa darbe talaallii Covid -19 kuma dhibba 1 deeggarsa taasiisuu isaa ragaan Ministeera Raayyaa Ittisaarraa argame ni muu’l’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.