Finfinnee, Onkoloolessa 1 ,2015(FBC)- Ministeerri Qonnaa fi dhaabbileen waamamtootaa Raayyaa Ittisaa Biyyaaf deeggarsa akaakuufi maallaqaa Birrii miiliyoona 80 olitti tilmaamamu taasise.
Ministeerichiifi dhaabbileen waamamtootaa deeggarsa maallaqaa,beelladootaa fi kanneen biro Birrii miiliyoona 80tti shallagamu taasisuu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Piroofeesar Iyyaasuu Eeliyaas wayita deeggarsicha dabarsanii laatan ibsaniiru.
Deeggarsi ministeerichi Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisu cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
Deggarsicha kan fuudhan Ministir Deetaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa aadde Martaa Luuwiijiin deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.
Fiqirtaa Kabbadaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.