Ministeerri Qonnaa Proojaktii Misooma Qabeenya Beelladaa fi Qurxummiif konkolaattoota dhibba 1 fi 22 deeggarsaan laate

Finfinnee, Muddee 3, 2012 (FBC) – Ministeerri Qonnaa Proojaktii Misooma Qabeenya Beelladaa fi Qurxummiif konkolaattoota dhibba 1 fi 22 deeggarsaan laate.

Furtuu konkolaattootaa minstirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Useen qindeessaa proojaktii biyyooleesiichaa Dooktar Toomaas Charinnatiif laataniiru.

Proojaktiin kun misooma aannanii, lukkuu, qurxuummii fi foon irratti kan xiyyeeffatedha.

Proojaktichi naannolee 6, aanaalee 58 fi gandoota kuma 1 fi 775 keessatti hojiirra kan ooludha.

Doolaara Ameerikaaa 106 Baankii Addunyaa irraa argameen konkolaattonni dhibbi 1 fi 22 bitamaniiru.

Konkolaattonni kanneen torbee dhuftuu kaasee naannolee proojaktoonni jiranitti kan qaqqabsiifaman ta’a.

Comments (0)
Add Comment