Ministeerri Qonnaa Paampiwwan Bishaanii naannoleef gumaache

Finfinnee, Mudde 6, 2016 (FBC) –Ministeerri Qonnaa Misooma Qamadii jallisii Boneef kan oolu Paampiwwan Bishaanii marsaa 2ffaa naannoleef gumaacheera.

Bara kanan lafa hektaara miiliyoona 3 qamadii jallisiin misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 1.6 sanyiin uwwifamuu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsaniiru.

Paampiwwan har’a dabarfaman kunneen karooricha milkeessuuf qooda qabaachuu eeraniiru.

Bara kana Paampiwwan Bishaanii Birrii miiliyoona 503 oliin bitaman kumni 12 fi 617 naannoleef kan dabarfaman ta’uu ibsaniiru.

Qonnaan bultoota kuma 400 fayyadamoo kan taasiisan ta’uu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment