Ministeerri Qonnaa Naannoo Afaaritti tajaajila tola ooltummaan deeggarsa garaagaraa taasise

Finfinnee, Hagayya 25, 2016 (FBC)- Ministeerii Qonnaa fi Dhaabbileen waamamtootaa naannoo Afaar Magaalaa miilleetti tajaajilaa tola ooltummaan degegarsa garagara ataasianiiru.

Ministira Ministeerichaa Dooktar Girmaa Amantee, Pireezidaantii Naannichaa Obbo Awwal Arbaa akkasumas qondaaltonni olaanoon bakka argamanitti tajaajila tola ooltummaa Gannaa gaggeessaniiru.

Sagantichaan ijaarsaa manneen maanguddoota lamaa eegalchiisuu fi sirna biqiltuu dhaabuu raawwataniiru.

Dooktar Girmaa Amanteen, ijaarsi manneen maanguddoota lamaanii eegalamee baatiiwwan sadii keessatti akka xumuraman himanii, qaamolee tajaajilicha keessatti tumsa taasisan galateeffataniiru.

Obbo Awwal Arbaan gama isaaniiin, tajaajilli ministeerichii fi dhaabbileen waamatootaa magaalattiitti eegalan cimee akka itti fufu dubbatan.

Maatii Maanguddoota lamaaniif deeggarsi nyaataa, meeshaalee garaagaraa kan taasifameef yoo ta’u, barattoota 200 oliif ammoo deeggarsi meeshaalee barnootaa taasifamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment