Ministeerri Qonnaa Konkolaattootaa fi Doqdoqqeewwan misooma Beelladaa fi Qurxummiif oolaan naannooleef gumaache

Finfinnee, Eebila 30, 2012 (FBC) – Ministeerri Qonnaa Konkolaattootaa fi Doqdoqqeewwan misooma Beelladaa fi Qurxummiif oolaan naannooleef gumaache.
 
Haaluma kanaan:-
1.Naannoo Oromiyaaf konkolaattoota 11 fi doqdoqqeewwan 53
2. Naannoo Amaaraaf konkolaattoota 7 fi doqdoqqeewwan 37
3. Naannoo Ummattoota Kibbaaf konkolaattoota 6 fi doqdoqqeewwan 32
4. Naannoo Tigraayif konkolaattoota 2 fi doqdoqqeewwan 10
5. Naannoo Gaambellaaf konkokaalaata 1 fi doqdooqqeewwan 3
6.Naannoo Benshaangul Guumziif konkokaalaata 1 fi doqdoqqeewwan 6 Ministeerichi gumaacheera.
 
Gumaachi naannooleef taasifame kun rakkoole bu’uraalee misoomaa fi loojastikii kan furu ta’uu Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen ibsaniiru.
 
Kana duras naannooleef konkolaattoonni 122 qooddamu kan ibsan Obbo Umar, naannooleen deeggarsa argatan sirnaan hojiirra akka oolchan gaafataniiru.
 
Meeshaalee fi loojastikii dabalataan barbaachisan guutuuf hojjetamaa jiraachuus ministirichi himaniiru.
Obbo Umar Huseen, seektara Beelladaarraa hojii guddaan akka eeggamu ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment