Ministeerri Qonnaa fi waamamtoonnii isaa sangoota 20 fi Birrii miiliyoona 5 Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Sadaasa 15, 2014 (FBC) – Ministeerri Qonnaa fi waamamtoonnii isaa sangoota 20 fi meeshaalee Birrii miiliyoona 5 olitti tilmaamamu Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisaniiru.
Deeggarsi kun cimee kan itti fufu ta’uu ministeerichi ibseera.
Oduu biroon Yuunvarsiitiin Aarbaa Minci Birrii miiliyoona 10 ol Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasiiseera.
Yuunvarsiitichi Birrii miiliyoona 33 ol deeggarsa taasiisuuf hojjechaa jiraachuu Preezdaantiin Yuunvarsiitichaa Dooktar Daamxoo Daarzaan ibsaniiru.
Deeggarsicha Ministir Deetaa Ministeera Raayyaa Ittisaa Maartaa Luuwiijiif laataniiru.
Ummanni Ityoophiyaa garee shororkeessaa ABUT barbadeessuuf wareegama hunda kaffalaa jiraachuu Ministir deetittiin ibsuu isaanii ragaan Fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment