Ministeerri Qonnaa dhaabbilee 2 waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesse

Finfinnee,Bitootessa 2, 2013 (FBC) –Ministeerri Qonnaa Dhaabbilee Saawuud Arabiyaa Naashinaal Aveeshiinii fi daldalaa hoorii dhaabbii Mahaammad Hamiid jedhamu waliin mallateessera.

Ministeerichi dhaabbata Naashinaal Aveeshiinii waliin waliigaltee hooma awwaannisaa ittisuuf kan oolu bittaa xiyyaarootaa raawwachuu fi tajaajilaa laachuuf kan dandeessisuu mallateessaniiru.

Ityoophiyaatti baatiwwan 20tti hoomaa awwannisaa ittisuuf Birriin biiliyoonni 4.8 baasii ta’uu ibsameera.

Kanneen keessaayis inni olaanaa kiraa xiyyaarootaaf akka ooluu himameera.

Waliigalteen kun oomishtummaa guddisuurra darbe biyyattin kanaaf baasiin baastuu ni hir’isaa jedhameera.

Ministeerri qonnaa dhaabbata daldalaa hoorii dhaabbii Mahaammad Hamiid waliin mallateessera.

Ministeerichi iddoo dhaabbii daldala hoorii biyya alaa ijaaree keessaa inni tokkoo iddoon turtsiisaa dhaabbatichaa tajaajila akka laatu mallateesseera.

Biyyattitti iddoon dhaabbii horii hanqina kan qabuu ta’u kan ibsamee yoo ta’u, waliigaltichi hanqinicha ni furan itti amanameera.

Haayimaanoot Iyyaasuutu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment