Ministeerri qonnaa “Birmadummaa Nyaataa” irratti hojjechaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Eebla 24, 2015 (FBC)- Ministeerri qonnaa Ministeeraa Raayyaa Ittisaa biyyaa waliin ‘Birmadumaa Nyaataa” irratti hojjechaa jiraachuun ibsame.

Ministeerri qonnaa Jila Raayyaa Ittisaa Koolleejjii Raayyaa Ittisaa Naayijeeraaf muuxannoo qoodeera.

Minitirri Ministerichaa Doktar Girmaa Amanteen misooma qonnaa fi milkaa’inaalee diinagdee ijoorratti ibsa kennaniiru.

Ministeerichis, Ministeeraa Raayyaa Ittisaa Biyyaa waliin qophii lafaa, facaasaa fi hojiilee biroorratti hojechaa jiraachuu himaniiru.

Naannawaa kaampiwwan Raayyaa Ittisaa Biyyattis birmadummaa nyaataa mirkaneesuuf hojiilee qonnaa hojjechaa jiraachuu eeran.

Riiformiiwwan diinagdee taasifamaa jiran, Ashaaraa Magariisaa fi bu’aa qabeessummaa misoomaa qamadiirrattis ibsa kennuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Jilli Naayijeeriyaas hojiilee misoomaa Ministeerri Qonnaa Ministeera Raayyaa Ittisa biyyaa waliin taasisa jiru dinqisiifateera.

Muuxannoo jirus Naayijeeriyaatti akka hojiirra oolchu ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment