Ministeerri Qonnaa Biirolee Qonnaa naannolee fi dhaabbilee itti waamamoof deeggarsa konkolaattootaa taasise

Finfinnee, Bitootessa 27, 2014 (FBC) – Ministeerri Qonnaa Biirolee Qonnaa naannolee fi dhaabbilee itti waamamoof dhaabbilee tumsiitoota garagaraarra kan argate deeggarsa konkolaattootaa 80 taasiseera.

Ministeerichi deeggarsicha biirolee qonnaa naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Kibba, Sidaamaa fi Affaariif kan laate.

Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umaar Huseen, deeggarsi kun hojii misooma qamadii jallisii ciminaan itti fuufsiisuuf, naannolee waraanaan miidhaman dandamachiisuu fi hojiiwwan bulchiinsa lafaa si’eessuuf yaadameeti jedhan.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment