Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa hospitaala Ispeeshaalaayizdii Kompireensiivii Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasise

Finfinnee, Muddee 10, 2014 (FBC) – Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa dhaabbilee itti waamamoo waliin ta’uu hospitaala Ispeeshaalaayizdii Raayyaa Ittisa Biyyaa Bishooftuuf deeggarsa Birrii miiliyoona 12 fi kuma dhibba 5 taasisuu ibsame.

Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaa Sirnicharratti argamuun ogeeyyii fayyaa hospitaalichaa nuffii fi dadhabbii tokko malee hojii isaanii hojjetan galateeffataniiru.

Fuuldurattis deeggarsi ministeerichi taasisu kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Deeggarsicha kan fuudhan hoggantoonni hospitaala Ispeeshaalaayizdii kompireensiivii Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment