Finfinnee, Sadaasa 29, 2014 (FBC)– Jilli Ministeera Pilaanii fi Misoomaatti Minister Deetaa damee hordoffii fi gamaggamaa aadde Xiruumaar Abaataan durfamu duula birmadummaa cinaatti daawwannaa hojiilee misoomaa gaggeessuu ibsame.
Daawwannichi sadaasa 27, 2014 kan eegale yoo ta’u hanga Mudde 2, 2014tti kan itti fufu ta’uu ibsameera.
Jilichi daawwannaasaa jalqabaan magaalaa Waraabeetti argamuun Proojektii Kaaleed Jiijoo daawwateera.
Turtiisaatiin dhaabbilee ijaarsaa fi gorsitoota proojektiochaa akkasumas hawaasa naannichaa waliin mari’achuu ibsameera.
Magaalaa Adaamaattis proojektii daddabarsa elektirikaa hangi isaa Kiiloo Vooltii 230 ta’e daawwachuun dhaabbilee ijaarsaa fi gorsitootaa waliin mari’ateera.
Jilichi proojektii Malkaasaa- Soodaree- Nuuraa Heeraa- Mataahaaraa daawwachuun dhaabbilee ijaarsaa, gorsitootaa fi hawaasa naannoo waliin ni mari’ataan eegama.
Xumurarratti jilichi magaalaa Finfinneetti ijaarasa proojektii Istaadiyoomii Adeey Ababaa daawwachuun kan xumuru ta’uu ragaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.