Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa dhaabbilee waamamtootaa waliin Aanaa Loomeetti tajaajila tola ooltummaa jalqabsiise

Finfinnee, Hagayya 8, 2015 (FBC) – Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa dhaabbilee waamamtootaa waliin ta’uun Godina Shawaa Bahaa Aanaa Loomeetti tajaajila tola ooltummaa jalqabsiiseera.

Haaromsa manneen Harka qalleeyyii fi Barattoota Maatii harka qalleeyyiif meeshaalee barnootaa gumaachuun hojii tajaajila tola ooltummaa kana eegalchiiseera.

Ministir Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Xuruumaar Abaateen fi hoggantoonni dhaabbilee waamamtootaa ijaarsa manneen harka qalleeyyii 10 fi barattoota 300’f meeshaalee barnootaa gumaachuun hojii kana eegalchiisaniiru.

Hooggantoonni ministeerichaa fi dhaabbilee waamamtootaa kunneen aanichatti biqiltuu sagantaa ashaaraa magariisaas dhaabaniiru.

Qiddist Birihaanuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment