Ministeerri Nageenyaa Qaammee 4, Guyyaa Daneessummaa kabajaa jira

Finfinnee, Qaammee 4, 2016 (FBC)- Qaammeen 4, Guyyaan Daneessummaa mata duree “Daneessummaa keenya tokkummaafi nageenya waaraaf!” jedhuun kabajamaa jira.

Itiyoophiyaanoonnii duudhaa waldanda’uufi waluummaa kan qaban ta’uu Ministeerri Nageenyaa beeksise.

Ministeerichi Qaammee 4-“Guyyaa Daneessummaa” Sababeeffachuun ibsa baaseen,Itiyoophiyaanoonni Waggoottaan dheeraa waloomaan kan dabarsan,waloon seenaa galmeessaan,rakkooolee keessoo fi alaa mudatan waloon kan injifataniidha .

Akkasumas ummata walitti hidhamiinsa Aadaa, Duudhaa fi barsiifata olaanaa qaban ta’uu eereera.

Sabdaneessummaan daneessummaa irra kan madde wal kabajuu,waldanda’uu fi walii yaaduun halluu obbolummaa fi waloomaa ta’uus ibseera.

Sabdaneessummaan nageenyaa waaraa mirkaneessuu fi waliigaltee biyyalessaaf gaheen qabuu olaana ta’uun ibsameera.

Sabdaneessummaan qormaatiilee keessoo fi alaa mudatan waloon qolachuuf furmaata ta’uunis himameera.

Waayita waloon dhaabbannuu nageenya waaraa keenyaa fi tokkummaa biyyaaf dhimmoota rakkoo ta’an qolachuuf dandeettii arganna jedheera.

qormaatilee mudatan qolachuuf biyya kabaja ishee guutuu waliin dhalootatti dabarsuuf itti gafatamummaa qabnu hubachuun ciminaan hojjechuun barbaachisaa ta’u ibseera.

Qaammee 4, Guyyaa Daneessummaa’ Ministeerri Nageenyaa, Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa waliin ta’uun sagantaalee garaagaraa kan kabajuu ta’uu eerameera.

Comments (0)
Add Comment