Ministeerri Nageenyaa marii mata duree ‘Federaaliizimii fi ijaarsa nageenyaa Ityoophiyaaf’ jedhuun mari’ataa jira

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Ministeerri Nageenyaa marii mata duree ‘Federaaliizimii fi ijaarsa nageenyaa Ityoophiyaaf’ jedhuun qooda fudhattoota waliin mari’ataa jira

Ministeera Nageenyaatti Sadarkaa Ministir deetaan gorsaan Ministirichaa obbo Kaaydaakii Gazzaahaany waltajjicharratti haasaa baniinsa taasisaniin, sirna federaalaa heera mootummaatin taa’een hubannoo hawaasa guddisuun ilaalchota burjaaja’aa hawaasa keessa jiran sirreessuun nageenyaa fi tokkummaa biyyaatti eegsisuuf murteessaadha jedhameera.

Sirna federaalaarratti ilaalchotaa doggogooraa sirreessuu fi gaaffilee uumataa sirnaan deebisuu mootummaan dandeettiisaa cimsuuf hubannoo uummataa babaldhisuun shooraa olaanaa qaba jedhameera.

Waltajjicharrattis hoggantoonni olaanoon manneen maree bakka buutoota uummataa,  federeeshinii fi naannoo , hayyoonni yuunvarsiitiiwwanii fi Ministeera nageenyaa akkasumas ogeeyyiin hirmaachuu ragaan ministeericharra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment