Ministeerri Nageenyaa hawaasni Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin dhaabachuu fi tumsuu itti fufuu beeksise

Finfinnee, Sadaasa 12, 2013 (FBC) -Ministeerri Nageenyaa hawaasni Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin dhaabachuu fi tumsuu itti fufuu beeksiseera.

Deeggarsicha kan qindeessuu Koreen walitti qabduu biyyaalessaa walitti qabaa ministeera nageenyaan hundaa’uu ni yaadatama.

Bu’uuruma kanaan korichi walgahii taasiseen sochii hawaasni Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaruuf taasisaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu ibseera.

Walgahichaan walqabatee Ministirri nageenyaa aadde Mufaariyaat Kaamil ibsa laataniin, qindeessummaa korichaan dhiiga arjoomurraa eegalee deeggarsa maallaqaa fi akaakuu walitti qabuun danda’amuu himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment