Ministeerri nageenyaa fi komishinniin bulchiinsa dhimmoota eenyummaa fi daangaa FDRI sanada waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Ministeerri nageenyaa fi Komishinniin Bulchiinsa Dhimmoota Eenyummaa fi Daangaa FDRI waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessan.
 
Dhaabbileen kunneen itti gaafatamummaa labsiin laatameef qulqullinaa fi ga’umsaan raawwachuuf dhimmoota tumsaan hojjechuu danda’anirratti sanada waliigaltee guyyaa har’aa mallatteessaniiru.
 
Waliigalteen kun dhaabbileen lameen walitti dhiheenyaan akka hojjetamniif kan gargaaruudha jedhame.
 
Waliigaltichi irra deddeebii fi qisaasa’ina qabeenyaa kan hambisuu ta’uu Ministir deettaan Ministeera Nageenyaa Dooktar Siyyuum Masfin dubbachuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment