Ministeerri Nageenyaa dargaggoota tola ooltootaa biyyaalessaa kuma 10 leenjisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2013 (FBC) – Ministeerri Nageenyaa dargaggoota tola ooltootaa biyyaalessaa kuma 10 Marsaa duraan leenjisaa ture eebbisiisee.

Sirna eebbaa paarkii michummaatti gaggeeffameerratti Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa argamaniiru.

Dargaggoonni kunneen tajaajila tola ooltummaa biyyaalessaa hawaasaa laachuu Kan isaan dandeessisu guyyoota 45f leenjii fudhachuu isaanii ibsameera.

Dargaggoonni dhaabbilee barnootaa olaanoorraa eebbifaman fedhii isaaniin tajaajila tola ooltummaa biyyaalessaa laachuuf leenjii fudhatan baatiwwan kurnan dhufan kutaalee biyyattii hundaatti tajaajila laachaa turu jedhameera.

Tajaajilli tola ooltummaa biyyaalessaa hawaasaa kun marsaan itti aanuu kan gaggeeffamu ta’uu Ministeerri Nageenyaa beeksiiseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment