Ministeerri Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa naannoo Afaariif deeggarsa Birrii miiliyoona 170 taasise

Finfinne, Sadaasa 8,(FBC)- Ministeerri Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa naannoo Afaaritti lammiilee sababa waraanaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 170 taasise.

Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Nisoomaa aadde Caaltuu Saaniin, deeggarsichi kallattiin lammiilee miidhaman bira akka gahu yaadachiisaniiru.

Deeggarsi walfakkaataa ministeerichi naannichaaf taasisu kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Pireezidantiin naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaan, ministeerichi naannichaaf deeggarsa taasisaa turuu yaadachiisuun, deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Wandimmuu Addunyaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment