Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa naannoo Oromiyaaf deeggarsa Birrii biiliyoona 1.5 taasise

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2015 (FBC)- Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa naannoo Oromiyaaf deeggarsa Birrii biiliyoona 1.5 taasisuu ibsame.

Ministeerichi naannichatti  lammilee balaa uumamaa fi namtolcheen qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqaafaniifi buuraalee misoomaa barbadaa’an deebisanii dhaabuuf deggarsa Birrii biiliyoona 1.5 taasisuu eerameera.

Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa  Aadde Caaltuu Saaniin, Misoomaa fi jijjiirama naannoo Oromiyaa keessatti mul’achaa jiran dinqisiifachuun, naannicha keessatti balaa fi rakkoo uumamaa fi nam-tolcheen lammilee qe ‘ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii fi bu’uuraalee misoomaa barbadaa’an dandamachiisuufi deebisanii dhaabuuf deeggarsichi taasifamuu ibsaniiru.

Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootuummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan gamasaaniin, Kennaa hammana gahu argannee hin beeknu jechuun deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Lammilee deeggarsa barbaadanii fi bu’uuraaleen rakkoo uumamaa fi namtolcheen barbaadaa’an hedduu waan ta’aniif ammas deeggarsi kan barbaachisu ta’uu dubbataniiru.

Rakkicha dandamachiisuuf mootummaan naannichaa xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan.

Mootummaan naannichaa gama misooma magaalaan wabii nyaataa mirkaneessuu, oogummaa jajjabeessuu , Carraa hojii uumuu fi Magaalaa ammayyeessuurratti xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Magaalonni giddugala badhaadhinaa malee giddugala rakkoo fi hiyyummaa ta’uu hin qaban jechuu ragaan waajjira Pireezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment