Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC)- Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa lammiilee naannoo Beenishaangul Gumuz sababa rakkoo nageenyaan qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 100 taasisuu ibsame.
Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa aadde Caaltuu Saaniin magaalaa Asoosaatti argamuun deeggarsicha preezdaantii naannichaa obbo Ashaadlii Hasanitti laataniiru.
Deeggarsichi hojii lammiilee naannichaa godinota Kamaashii fi Matakkal irraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf hojjetamu kan deeggaru ta’uu obbo Ashaadliin ibsaniiru.
Aadde Caaltuun gamasaaniin lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuun ga’ee lammiilee hundaa ta’uu kaasuun hundi ga’eesaa akka ba’atu waamicha dhiyeessuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.