Ministeerri Maallaqaa fi Baankiin Invastimantii Bu’uraalee Misoomaa Eeshiyaa tumsaan hojjehuuf waliigalan

Finfinnee, Sadaasa 19, 2017 (FBC) – Ministeerri Maallaqaa fi Baankiin Invastimantii Bu’uraalee Misooma  Eeshiyaa tumsaan hojjehuuf waliigalteera ga’uu ibsameera.

Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee fi Pireezidaantiin Baankichaa Jiin Liikuw dhimmoota waloon hojjechuuf dandeessisurratti mari’taniiru.

Obbo Ahimad Shiideen Riifoormii diinagdee taasifame dabalatee hojiilee akka biyyatti hojjetaman ilaalchisee ibsa taasisaniiru.

Baankichi hojiilee Itiyoophiyaan hojjetaa jirtu kanneen haala tumsuu danda’amurratti mari’chuu eeraniiru.

Pireezidaantiin Baankichaa Jiin Liikuw gama isaaniin dhaabbanni isaanii hojiilee Itiyoophiyaan hojjetaa jirtu deeggaruuf murannoo qabaachuu himaniiru.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment