Ministeerri Maallaqaa fi Baankiin Addunyaa waliigaltee deeggarsaa Doolaara miiliyoona 600 mallateessan

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2014 (FBC) – Ministeerri Maallaqaa fi Baankiin Addunyaa waliigaltee Doolaaraa miiliyoona 600 waliif mallatteessaniiru.

Waliigalteen kana keessaa Doolaarri miiliyoona 200 bifa deeggarsaanii fi Doolaara miiliyoona 400 ammoo bifa liqaan ta’uun eerameera.

Waliigaltecha Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee fi Baankii Addunyaatti Daariktarri Qindoomina Naannawaa Afrikaa Boteena Guwermazi mallateessaniiru.

Waliigaltechi, sirna soorataa Ityoophiyaa fooyyessuu fi kutaalee biyyattii hanqinaa nyaataa qabuun adda baafamanitti, miidhaa hanqina nyaataa hir’isuuf kan oolu ta’uu ibsaniiru.

Kana malees, misooma diinagdee horsiisee bultootaa guddisuun saaxilamummaa hongee hir’isuuf akka ooluu ragaan ministeercharraa argamee ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment