Ministeerri Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Yuunivarsiitiiwwan garaagaraa waliin mari’achaa jira

Finfinnee, Sadaasa 02, 2015(FBC)- Ministeerri Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Yuunivarsiitiiwwan naannawaa horsiise bultootaafi gariin horsiise bultootaatti argaman waliin mari’achaa jira.

Ministeerichi Yuunivarsiitiiwwan Bulee Horaa, Gaambeellaa, Jiinkaa, Miizaan Teeppii, Samaraa, Jigjigaa, Asoosaafi Goondar waliin mari’achaa jiraachuu eerameera.

Imaammanni kutaalee hawaasaa horsiise bultootaafi gariin horsiise bultoota irratti xiyyeeffate bocamuun gara hojiitti seenuu Ministirri Ministeera Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad waltajjicharratti ibsaniiru.

Nannoleen kunneen qabeenya uumamaa guddaa qabaatanis hangi hawaasni irraa fayyadame gadi aanaa ta’uu ibsuusaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Rakkoo kana furuuf yuunivarsiitiiwwan waliin mari’achuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Yuunivarsiitiiwwan maricharratti hirmaatanis hojiilee qorannoo isaanii qabeenya naannawichaarratti adeemsisuun carraawwan gaarii adda baasaniifi gara hojiitti hiikan irratti ibsa taasisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment