Ministeerri Indaastirii hojmaata tajaajila elektirooniksii ifoomse

Finfinnee, Adoolessa 26, 2014 (FBC) – Ministeerri Indaastirii hojimaata tajaajila elektirooniksii har’a ifoomseera.

Sagantaa jalqabsiisa tajaajilichaarratti Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allibal, Miinistiraa Ministeera Innooveeshiii fi Teeknooloojii Dooktara Ballaxaa Mollaa fi hoggantoonni hojii dhimmichi ilaallatuun biroon argamaniiru.

Hojmaanni elektirooniksii kun ogeeyyii Ministeera Indaastirii fi Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiin kan kalqameedha.

Hojmaatichi tajaajiloota 10 ministeerichaan kennamu oonlaayinii argachuuf kan dandeessisu yoo ta’u, Afaan Ingilizii fi Amaariffaan tajaajilichaa kan kennuudha jedhameera.

Maamiltoonnis marsariittii www.eservices.gov.et jedhuun tajaajila argachuu kan danda’an yoo ta’u, hojmaatichi dhaabbilee mootummaa hojmaatichaan tajaajiluu eegalan 25 keessaa, tajaajilaan, dhiyeessii tajaajilaan yookaan mata duree argachuun tajaajilaa barbaadan filachuu danda’u jedhameera.

Tajaajilamtootaaf damee bu’aa qabeessa addaa baasuu fi odeeffannoo damee oomishaa miidiyaaleen ga’uuf kan danda’eessisu sirna odeeffannoos har’a eegalchiiseera.

Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allibal, tajaajila ifaa, dhaqqabamaa, baasii qusaataa fi hojmaata badaarraa walabaa, tajaajilamtootaaf kennuuf akka dandeessisu ibsaniiru.

Deetaan Ministiraa Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Aadde Huuriyaa Alii gama isaaniin, tajaajiloota mootummaa teeknooloojii quunnamtii odeeffannoon deeggaruun, faayidaa tarsiimawaa akka qabu hubachuun, dhaabbileen taajaajilootaa isaanii gara dijitaalaatti akka jijjiiran hojjetamaa jira jedhan.

Dabalataan Ministeerrii Indaastirii fi Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii tajaajila elektirooniksiin waloon hojjechuuf waliigaltee mallateessaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment