Ministeerri Hojii fi Ogummaa fi Ministeerri Barnootaa sirna barnootaa haaraarratti waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2015 (FBC)– Ministeerri Hojii fi Ogummaa fi Ministeerri Barnootaa sirna barnootaa haaraarratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigalteen mallatteeffames sirni barnootaa ogummaa gama maraa kan argamsiisuu akka ta’uu fi dhaabbileen akka waliin hojjetan kan dandeessisuudha jedhameera.

Waliigaltecha Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil fi Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa mallateessaniiru.

Sirna waliigaltechaarratti Aadde Mufaariyaat Kaamiil akka ibsanitti, manneen barnootaa sadarkaa jalqabaa eegalee ilaalchota irrattii hojjetamuu qaban dabalatee hojiileen gargaraa addaa baafamaniiru.

Akkaataa waliigaltee kanaatiin karoora barnootaa sirna barnootaa keessatti hammachiisuuf hojiilee hojjetamaniin sirni barnootaa ogummaa kan gonfachiisu akka ta’an ni hojjetama jedhaniiru.

Pirofeesar Birhaanuu Naggaa gama isaaniin, manneen hojichaa waloon hojjechuun faayidaa damee hedduu akka argamsiisu ibsaniiru.

Qulqullina barnootaarratti hojiilee bal’aa hojjechuuf akka dandeessisus ibsameera.

Kana malees, ogummaarratti hojjechuun akka barbaachisu ibsanii, sirni barnootaa fooyya’uu qofa utuu hintaane barattoonni ogummaan ga’oo akka ta’an ni hojjetamas jedhaniiru.

Qiddisti Birhaanuutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment