Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Ministeerri Hojii fi Ogummaa, Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin carraa hojii uumuu, kalaqa gabbisuu fi nageenya Indaastrii eegsisuurratti waliin hojjachuuf marii jalqaban.
Pireezidaanti Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi Ministirrii Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamil naannicha waliin akkaataa hojjachuu fi muuxannoo waljijjiiruuf haalotaa dandeessisanirratti mari’ataniiru.
Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kamil, haasaawaa taasisaniin, Naannoon Oromiyaa gama carraa hojii uumuun fooyya’insa agarsiisuun fakkeenya ta’uu ibsanii, fuuldurattis ministeerichis deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu dubbataniiru.
Waltajjichaan carraa hojii uumuu babal’isuu fi Ogummaan deeggaruurratti mari’atamuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Ministeerichi Hojii fi Ogummaa kalaqa gabbisuu irratti Naannoolee, Bulchiinsota Magaalaa fi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuun ni beekama.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.