Ministeerri Haqaa fi Poolisiin Magaala Finfinnee waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Sadaasa 1, 2015 (FBC) – Ministeerri Haqaa fi Poolisiin Magaala Finfinne dhimmoota waliin hojjechuu danda’anirratti waliigaltee mallateessaniiru.

Ministir Deetaan Ministeeraa Haqaa Obbo Alamaantee Aggidawu akka ibsanitti, yakka dursanii ittisuu fi yakka raawwattoonni seeraan akka gaafataman gama taasisuun waloon hojjechuu fi hubannoo seerarratti hawaasaaf barnoota kennuuf waliigaltechi murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Komishinarri Poolisii Finfinnee Geetuu Argaawu gama isaaniin waliigaltechi Tajaajila Kominitii Poolisiingi Finfinnee kutaa magaalichaa 11 fi naannawaa 833’tti hojirra oolchuuf ta’uu ibsan.

Waliigaltechi hawaasaa akkaataa hirmaachiseen, hojii ittisa yakkaaf faayidaa olaanaa akka qabu dubbachuu ragaan Koomishinii Poolisii Magaalaa Finfineerraa argame ni mul’isa.

Haaluma walfakkaatuun, Ministeerri Haqaa, Koomishiinii Mana Sirreessaa Federaalaa, Ministeera Fayyaa, Eejensii Mirkaneessa fi Galmeessa Ragaalee fi Waldaa Manneen Barnootaa Seeraa waliin hojjechuuf waliigaltee mallateesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment