Ministeerri Geejjibaa Ityoophiyaatti balaa tiraafikaa %17 hir’isuu beeksise

Finfinnee, Adoolessa 19, 2012 (FBC) – Bara bajaataa xumurameetti balaa tiraafikaa %17 hir’isuu Ministirri Ministira Geejjibaa aadde Daagimaawit Mogas ibsaniiru.

Daandii saffiisaa seensaa Finfinnee – Adaamaa irratti ‘saaxilamtoota balaa tiraafikaa yaadachaa Ashaaraa Magariisaa keenya haa keenyuu’ mara duree jedhuun sagantaan dhiigaa arjoomuun ashaaraa magariisaa ka’uu raawwatameera.

Sagantichaan namoota balaan tiraafikaa irra ga’ee fi maatii miidhamtotaa daawwataniiru.

Ministirittiin bara baajata 2011 itti du’i kumni 4 fi 597 kan galma’ee yoo ta’u, bara baajata xumurameetti gara kuma 3 fi 400 itti hir’isuun danda’ameera jedhan.

Bara baajata xumurameetti du’i hir’achuu kan danda’ee mata duree ‘ni qaqqabna’ jedhuun sosochii waltajjiiwwan miidiyaa, seeraa kabachiisuu fi damee nageenya daandiin hojiwwan hojjetamiinin jedhaniiru.

Balicha gutumma gutuutti hambisuuf hafuura ‘hin danda’amaan’ hojiiwwan hojjetamaa jiran keessayu tibba kana kan xumurame marsaa jalqaban guutiinsi hidhi haaromsaa guddiichaarra barnoota guddaa fudhachuu akka danda’amuu eeraniiru.

Haawasnis saganta Ashaaraa Magariisaa raawwatama jiru cimsee akka itti fufuu waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment