Ministeerri Geejjibaa fi Loojistikiifi Poolisiin Federaalaa boba’aa kaayyoo qabameefirra oolchuuf qindoominaan hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Adoolessa 28, 2014(FBC)- Ministeerri Geejjibaa fi Loojistikiifi Poolisiin Federaalaa boba’aa kaayyoo qabameefirra oolchuuf qindoominaan hojjechuuf waliigaluu ibsame.

Hoggantoonni dhaabbilee lameenii marii taasisaniin balaa tiraafikaa ittisuuf, nageenya daandii konkolaataafi baaburaa, damee aveeshiniin akkasumas mootummaan baasii guddaan alaa kan galchu boba’aan kaayyoo qabameefirra akka ooluuf qindoominaan hojjechuuf waliigalteerra ga’uu ibsameera.

Boba’aa ogeeyyii to’attoota geejjibaa qofaan kaayyoo qabameefirra oolchuun rakkisaa ta’uufi rakkicha waaraan furuuf Poolisii Federaalaa waliin hojiimaata diriirsuun hojjechuun barbaachisaa  ta’uu Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistikii Aadde Daagimaawwit Mogas ibsaniiru.

Namoonni dhuunfaa tokko tokko boba’aan akkaataa gatii deeggarsa mootummaan taasiseen akka hin gurguramne taasisuun rakkoo uumaa jiraachuu kaasuun, rakkicha waloon hiikuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel gamasaaniin, hojiilee riifoormii dhaabbatichi hojjete keessaa tokko damee geejjibaan tajaajila si’ataan akka laatamuufi hojii to’annoo tiraafikaa akka haaraatti caasessuuf akkasumas nageenya geejjiba baaburaafi aveeshinii eegsisuuf hojiilee daldala al-ergiifi alaa galan si’eessuu dandeessisan hojjechuu ibsaniiru.

Qaamolee dhimmatootaa waliin ta’uun damee aveeshinii bu’aa qabeessa taasisuuf miseensota poolisii aveeshiniif leenjiin kennamaa jiraachuu kaasaniiru.

Koree waloo hojii dhaabbileen lameen damee geejjibaa irratti hojjetan qoratuufi gamaaggamu kan hundeeffaman ta’uu eeraniiru.

odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment