Ministeerri Geejjibaa fi Diip World waloon hojjechuuf walii galan

Finfinnee, Eebila 28, 2013 (FBC) – Ministeerri Geejjibaa fi Diip World waloon hojjechuuf sanadaa waliigaltee mallateessaniiru.

Bu’uura waliigaltichaan dhaabbanni Diip World Ityoophiyaa keessaatti buufata koordarii Barbaraa misoomsuuf invastimantii Doolaaraa Ameerikaa biiliyoona 1 ni raawwata jedhameera.

Dabalataanis kuusaa fi filannoo geejjibaa babal’dhisuurratti akka hojjetuu ibsameera.

Daldalaa alaa fi keessaa ammayyeessuu fi buufataa Jibuutii guddisuuf akka gargaaru Ministirri Ministeera Geejjibaa aadde Daagimaawwit Mogaas ibsaniiru.

Yeroo itti aanuutti sirna loojistikii Ityoophiyaa cimsuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamuu ibsameera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment