Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC) – Ministeerri Geejjibaa fi waamamtoonni isaa bara baajataa darbe hojiilee tola ooltummaa garaagaraa raawwchuu isaanii ibsameera.
Ministeerichi Lammiilee godina Matakkalii buqqa’uun magaalaa Chaaginii qubataniif deeggarsa Birrii miiliyoona 5 taasiiseera.
Lammiilee kanneen waraan dhaabuuf tattaaffii taasiifamu hunda kan deeggaru ta’uu fi deeggarsi taasiisu aantummaa ummataaf qabu kan agarsiisuuf ta’uu ibseera.
Ministeerrichii fi Waamamtoonni isaa Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayitti tajaajila geejjibaa iddoo duraatti deebisuuf Birrii miiliyoona 10 mallaqaa fi meeshaaleen deeggarsa taasiisuu ibsameera.
Hojjettoonni fi hoggantoonni Ministeerichaa ‘Dhiiga keenya Raayyaa Ittisaa keenyaaf’ mata dure jedhuun Raayyaa Ittisaaf dhiiga arjoomuun mindaa isaanii baatii tokko Birrii miiliyoona 57 deeggarsa taasiisaniiru.
Tajaajila tola ooltummaa ganaan kutaa magaalaa Gullalleetti manneen harka qalleeyyii haaroomsuun fayyadamtootaf dabarseera.
Deeggarsi lammiilee jireenya gadi aanaa keessa jiraataniif taasiifamu kan itti fufu ta’uu ibseera.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.