Ministeerri Geejiibaa fi Loojistiksii baasii loojistiksii hir’isuuf hojii hojjeteen birrii biiliyoona 2.5 hambisuu ibse

Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Baatiiwwan 10’n darbanitti, baasii loojistiksii hir’isuuf hojiilee hojjetamaniin baasii birrii biiliyoona 2.5 hambisuun danda’amuu Minitirri Ministeerri Geejibaafi Loojistiksii Aadde Daagmawit Mogos ibsan.

Koreen Dhaabbii Dhimmoota Bu’uuraalee Misooma Magaalaa fi Geejibaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa, gabaasa raawwii karooraa baatii 10, Ministeera Geejibaa fi Lojistiksiirratti mari’achaa jira.

Ministirri Ministeerichaa Aadde Daagmaawit Mogos gabaasa dhiyeessaniin baasii loojistiksii hir’isuuf hojiilee hojjetamaniin birrii biiliyoona 2.5 hambisuun danda’amuu ibsaniiru.

Gabaasicha bu’uureffachuun miseensota mana mareerraa gaaffilee fi yaadota ka’anirratti hooggantoonni Waajjira Ministeerichaa deebii fi ibsa bal’aa kennuu ragaan Mana Marichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment