Ministeerri Geejibaa gamaaggama raawwwii baatii 6 gaggeessaa jira

Finfinnee, Amajjii 13, 2012 (FBC) – Ministeerri Geejibaa gamaaggama raawwwii baatii 6 naannoolee fi dhaabbilee wamamoo waliin gaggeessuu eegaleera.

Gamaaggamni kun guyyaa har’aa magaalaa Dirree Daawaatti eegalameera.

Gamaaggama kana irratti ministira Ministeera Geejibaa aadde Daagmaawwiit Moogas dabalatee, ministir deettaawwn, minseensonni koree dhaabbii dhimmoota koonistiraakshinii, misooma magaalaa fi geejibaa, kantiibaan magaalaa Dirree Daawaa, daayreektarroonni dhaabbilee waamamoo, itti gaafatamtoonnii fi ogeeyyiin biiroo geejibaa naannolee argamaniiru.

Waltajjicha haasawaan kan banan Ministirri Ministeera Geejibaa FDRI aadde Daagmaawiit Moogas, fedhii tajaajila geejiba hawaasaa guutuuf tajaajila haqa qabeessa ta’e diriirsuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Gabaasa kana irratti hundaa’uun baatiiwwan 6 dhufutti tajaajila akkamii kennuun akka barbaachisu kan irraa baratamuu fi kallattiin fulduraa kan itti kaa’amu ta’uu ibsuu isaanii ragaan ministeericharraa arganne ni mul’isa.

 

Comments (0)
Add Comment