Ministeerri Galiiwwanii jila Sudaan Kibbaa waliin marii’ate

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2013 (FBC) – Ministeerri Galiiwwanii haala sassaabii galii irratti muuxannoo wal jijjiiruu fi waliin hojjechuuf jila taaksii fi gumuruuka biyya keessaa Sudaan Kibbaa waliin marii’ate.
Deettaan Ministira Galiiwwanii obbo Zamadee Tarrafaa Ityoophiyaa fi Sudaan daangaa qofaan kan wal daangeessaan otuu hin taane, ummata aadaa walfakkatu qabu ta’uu eeruun, badhaadhina biyyoota lamaanirratti waliin hojjechuu akka qaban himaniiru.
Maricharratti muuxannoo galii walitti qabuu Ityoophiyaa ilaalchisuun jilichaaf ibsi laatameera.
Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Sudaan kibbaa Jaamsi Piitaa Moorgaan gama isaaniin Ityoophiyaa akka mana isaanitti kan lakka’aanii fi wayita biyyi isaanii tasgabbii dhabdetti Ityoophiyaan akka lammii isheetti ofitti fudhate akka isaan keessumeessaa turte ibsaniiru.
Daldala naannoo daangaa qixaan bulchuuf biyyoonni lamaan fayyadamoo akka ta’aniif keellaawwan gumuruukaa hundeeffamuu akka qabu eeraniiru.
Fuuladurattis, galii biyya keessaa fi dame gumuruukaa irratti waliin hojjechuf ogeessoota teekniikaa biyyoota lamaanirraa walitti babba’anii marii taasisuun, waliigaltee mallateessuun gara hojiitti akka galan ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment