Ministeerri Galiiwwanii deeggarsa biyya baraaruuf taasifamu keessatti raawwii milkaa’ina qabu galmeessisuu ibse

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC)- Ministeerri Galiiwwanii deeggarsa biyya baraaruuf taasifamu keessatti hojii isarraa eegamu haalaan ba’achuun raawwii milkaa’ina qabu galmeessisuu ibseera.

Ministeericha baatiiwwan 5 darbanitti bu’aa galmeessisuu qaburraa % 92 milkeessuu ibseera.

Kenniinsa tajaajilaa isaa ammayyaa’aa fi saffisaa taasisuun galii Birrii Biiliyoona dhibba 3 fi biiliyoona 60 walitti qabuuf karoorfame milkeessuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Biyya baraaruun kan jalqabu hojii dhaabbatichi namatti kenne haalaan ba’achuudha jechuun hojjettoonni ministeerichaa haala kanaan duraarraa adda ta’een yeroo isaanii aarsaa gochuun hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Hawaasni hundi gibira sirnaan kaffaluunii fi gochoota seeraan alaa saaxiluun ga’ee mataasaa akka ba’atu waamichi dabarseera.

Zabiibaa Taklaayitu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment