Finfinnee, Guraandhala 19, 2015(FBC)- Baatiiwwan 7 dabanitti Ministeera Galiiwwaniifi Komishinii Gumuruukaan galiin Birrii biiliyoonni 228 ol walitti qabamuu Ministirri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaalam Nugusee ibsan.
Dhaabbileen lameen raawwii karoora baatiiwwan torban darbaniifi kallattii gala fuula duraarratti mari’ataniiru.
Ministeerri Galiiwwaniifi Komishiniin Gumruukaa erga itti laatame haalaan ba’achaa jiraachuu aadde Ayinaalam eeraniiru.
Baatiiwwan torban darbanitti raawwii fooyya’aan galmaa’uu ibsuusaanii ragaan Komishinii Gumruukaarraa argame ni mul’isa.
Galii diinagdeen maddisiisu gahumsaan walitti qabuuniifi baasii misoomaa mootummaa deeggaruuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Bara baajataa kanatti taaksii biyya keessaarraa Birrii biiliyoonni 266.9fi taaksiifi qaraxa daldala alaarraa Birrii biiliyoonni 183.3 walumaagalatti Birrii biiliyoona 450.2 walitti qabuuf karoorfatamee hojjetamaa jiraachuu addeessaniiru.
Baatiiwwan torban darbanitti galii Birrii biiliyoona 262.1 walitti qabuuf karoorfatamee galii Birrii biiliyoonni 258.93 walitti qabamuu eeraniiru.
Galiin walitti qabame kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo madaalamu caalmaa Birrii biiliyoona 62 qabaachuu kaasaniiru.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.