Ministeerri Galiiwwan naannoo Somaaleetti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 34.5 taasise

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2014 (FBC) – Ministeerri Galiiwwan naannoo Somaaleetti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa maallaqaa Birrii miiliyoona 34 fi kuma 500 taasise

Deeggarsicha Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonnin, hoggantoonni Ministeera Galiiwwanii fi Gumuruuka Komishinii Preezdaantii naannichaa Obbo Muusxafee Mohaammaditti dabarsanii laataniiru.

Deeggarsichi uffannaa garaagaraa Birrii miiliyoona 22.8 tti shallagaman kan kontiroobaandiin qabaman, marga beelladaa konkolaataa 25, midhaan nyaataa kuntaala 716 fi Firaashii fi uffata halkanii Birrii miiliyoona 5tti tilmaamamu ta’uu eerameera.

Dabalataanis deeggarsi maallaqaa Birrii miiliyoonni 5 taasifamuu Komishinarri Komishinii Gumuruukaa obbo Dabalee Qaabataa fi Ministirri Ministeera Galiiwwanii obbo Laaqaahi Ayyaaleewu ibsaniiru.

Deeggarsa taasifameef preezdaant Muusxafeen galateeffachuu ragaan Biiroo kominikeeshiinii naannichaarraa aragame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment