Ministeerri Fayyaa qaamolee deeggartootarra walitti kan qabe deeggarsa Birrii miiliyoona 21 laate

Finfinnee, Amajjii  21, 2014 (FBC)- Ministeerri Fayyaa qaamolee deeggartootarra walitti kan qabe deeggarsa Birrii miiliyoona 21 laateera.

Ministeerichi naannolee Affaarii fi Amaaraatti iddoolee garee ABUT’tiin barbada’aan dandamachiisuuf qaamolee deeggartoota waliin hojii deebisanii dhaabuu hojjechaa jiraachuun isaa ni yaadatama.

Ministeera Fayyaatti haati adeemsa daayrektooreetii haadholii fi daa’immanii Sistaar Zamzam Mahaammad, dhaabbilee fayyaa deebisanii dhaabuuf Birri miiliyoonnii 2.4 baasii ta’uu himaniiru.

Ministeerri Fayyaa qaamolee deeggartootarra walitti kan qabe deeggarsa Birrii miiliyoona 21 laachuu himameera.

Deeggarsichaas itti aanaan biiroo fayyaa naannoo Amaaraa obbo Abdukaariim Mangistuu kan fuudhan yoo ta’uu, qaamolee deeggarsichaa taasisaan galateeffaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment