Finfinnee, Bitootessa 24, 2013 (FBC) – Ministeerri Fayyaa meeshaalee yaala fayyaa waliigaltee liqaa salphaa yeroo dheeraa Baankii Eegziim waliin taasiifamee Doolaara miiliyoona 30 bitaman fudhateera.
Ministeerri Fayyaa Waliigaltee liqaa salphaa yeroo dheeraa mootummaan Ityoophiyaa Baankii Eegziim waliin taasiiseen meeshaalee yaala fayyaa Doolaara miiliyoona 30 bitaman fudhachuu beeksiiseera.
Meeshaaleen kunneen weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuuf kan tajaajilan ta’uu ibsameera.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan weerara vaayrasii Koroonaa to’achuuf tattaaffii taasiifamuuf deeggarsa mootummaan Kooriyaa taasiisaa jiru galateeffataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.