Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaatti namoonni miiliyoona 75 dhibee gammoojjiif saaxilamoo ta’uu ibse

Finfinnee, Fulbaana 15, 2013 (FBC) –Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaatti namoonni miiliyoona 75 dhibee gammoojjiif saaxilamoo ta’uu ibse.
Ministeerri Fayyaa Ministeeraa Barnootaa fi Ministeera Bishaanii, Jallisii fi Elektirikii akkasumas dhaabbilee deeggartootaa waliin dhibee gammoojjii balleesuu, to’achuu fi ittisuu irratti waltajjii marii gaggeesseera.
Maricharratti Ministir Deettaan Ministira Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa dhaabbilee seektaraa fi dhaabbileen deeggartootaa qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Keessumattuu dhiyeessii bishaanii fi itti fayyadama qulqullinaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Ministeera Fayyaatti Daayrektarri Daayrektoreetii Ittisaa fi To’annaa Dhibee aadde Hiywat Solomoon namoonni miiliyoona 75 dhibee gammoojjiif saaxilamoo ta’uu ibsaniiru.
Dhibeewwan gammoojjii xiyyeeffannoo barbaadaan keessaa dhiita’uu miilaa, giinii warm, bilhaarziyaa fi tiraakoomaan ni argamu.
Dhibeewwan kanaan argartuu ijaa dhabuu , qamaa hir’achuu, oomishtummaa hir’achuu fi simannaa barnootaa ni hir’isa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment