Ministeerri Fayyaa deeggarsa meeshaalee barnootaa Biiroo Barnootaa Finfinneef gumaache

Finfinnee, Qaammee 3, 2014 (FBC) – Ministeerri Fayyaa meeshaalee barnootaa dhaabbilee itti waaamamtootaa fi hojjettootaarraa walitti qabee Biiroo Barnootaa Finfinneef gumaacheera.

Deeggarsicha kan gumaachaan Ministirri Ministeerichaa Dooktar Liyaa Taaddasaa, deeggarsi kun qaama deeggarsaa duraan taasifamaa turee ta’uu ibsaniiru.

Kaayyoon isaas dhiibbaa maatii sadarkaa jireenyaa gadaanaarraa jirtanii hir’isuuf ta’uu ibsan.

Manni hojichaas ergama ijoo qabu cinaatti hojiilee tola ooltummaa garaagaraarratti hirmaachaa jiraachuu Ministirittiin ibsaniiru.

Deeggarsichi barattoota kuma 9’f kan qoodamu yoo ta’u, Itti Aanaan Biiroo Barnoota Finfinnee Obbo Admaasuu Dachaasaa deeggarsicha fuudhaniiru.

Gama biraatiin, Itiyoo Teelekoom Riijiniin Kibba Lixaa bara haaraa sababeeffachuun barattoota harka qalleeyyii kuma 3 oliif deeggarsa meeshaalee barnootaa taasiseera.

Daayrektarri Riijinii Kibba Lixaa Dhaabbatichaa Obbo Kiflee Kaasaab FBC’tti akka himaniitti, Itiyoo telekom barana sadarkaa biyyaatti Birrii miliyoona 55 ramaduun barattoota harka qalleeyyiif deeggarsa meeshaalee barnootaa taasisaa jiraachuu himanii, Magaalaa Jimmaatti barattoota kuma 4 ta’aniif deeggarsa dabtaraa taasisuu ibsaniiru.

Dabalataan, Dhaabbanni sanyii filatamaa Oromiyaa Damee Arsii daa’imaan maatiin harka qalleeyyii HIV waliin jiraatan 81’f meeshaalee barnootaa deeggarsaa taasiseera.

Barakat Takkaalinyi, Tamasgeen allabbaachoo fi Jamaal Gandootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment