Finfinnee, Adoolessa 14, 2012 (FBC) – Ministeerri Fayyaa bara kana sadarkaa biyyaalessatti biqiltoota miiliyoona 6.5 akka dhaabu beeksise.
Ministeerri fayyaa dhaabbilee waamatoota waliin ashaaraa magariisaa bara kanaa sadarkaa biyyaalessatti biqiltoota miiliyoona 6.5 akka dhaabu beeksiseera.
Kanaanis, ministeerichi hojjettootaa dhaabbilee waamamtoota waliin ta’uun kutaa magaalaa Aqaaqii Qaalittii biqiltoota kuma 5 dhaabeera.
Ministira Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa dabalatee hoggantoonni hojii fi hojjettoonni dhaabbi biqiltuu kanarratti hirmaataniiru.