Ministeerri Fayyaa appilikeeshinii Maastar Kaard Weelnes Paas jedhamu ifoomse

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2014 (FBC) – Ministeerri Fayyaa appilikeeshinii qabiinsa ragaalee fayyaa’aa “Maastar Kaard Weelnes Paas” jedhamu ifoomse.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, qabiinsi ragaalee fayyaa diijitaalaa rakkoo qabiinsa ragaalee damichaan jiru kan furu ta’uu ibsaniiru.

Appilikeeshinicha gara hojiitti galchuuf dhaabbilee Maastar Kaard, GAV fi GSI jedhaman waliin waliigaltee mallatteessuu eeraniiru.

Appilikeeshinichi boqonnaa yaalii baatiwwan 15’f turu dhaabbilee fayyaa guutuu biyyattii filataman irratti hojiirra kan oolu ta’uu kaasaniiru.

Appilikeeshinichi tajaajila intarneetaa malee ragaalee fayyaa ilaaluu kan dandeessisu ta’uu ibsameera.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment