Ministeerri Dhimma Alaa Raayyaa Ittisaa adda waraanaa Gaashanaaf deeggarsa taasiise

Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) –Jilli Ministir Deetaa Ministeera Dhimma alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon durfamu adda waraanaa Gaashanaatti argamuun sangoota 53 fi deeggarsa biroo akaakuun taasiiseera.

Deeggarsi taasiifame Birrii miiliyoona 5 olitti kan tilmaamamu ta’uu ibsameera.

Jilichi namoota sababa garee shororkeessaa ABUT’n qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uun Baahardaarii fi naannoo isheetti argamaniif deeggarsa akaakuu garaagaraa taasiseera.

Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon adda waraanaa Gaashanaatti argamuun buqqattoota naannoo Baahardaar qubatanii jiraniif sangoota, nyaata daa’immanii fi meeshaalee qulqullinaaf oolan arjoomaniiru.

Raayyaa Ittisa Biyyaatti  Itti aanaan ajeja Kaaba Lixaa Birgaader Jeneraal Mulaalem Admaasuu kutaalee hawaasaa fi dhaabbilee garaagaraa deeggarsa taasisaa jiran galateeffataniiru.

Iddoosaa Abdiitu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment