Ministeerri Dhimma Alaa haala waqtaawaa Naannoo Tigraayirratti Diippilomaatoota waliin mari’ataa jira

Ministeerri Dhimma Alaa haala waqtaawaa Naannoo Tigraayirratti Diippilomaatoota waliin mari’ataa jira

Finfinnee, Bitootessa 5, 2017 (FMC) – Ministeerri Dhimma Alaa haala waqtaawaa Naannoo Tigraayirratti hawaasa Dippiloomaatoota Itiyoophiyaatti argaman waliin marii gaggeessaa jiraachuun ibsame.

Maricharratti Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos fi Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaan argamaniiru.

Waltajjicharratti Dooktar Geediyoon akka ibsaniti, Murni ABUT adda of baasee kun waliigalteen Piriitooriyaa guutuumman guutuutti hojirra akka hin ooleef gufuu ta’eera.

Dabalataniis Murni kun qajeelfama Boordiin Filannoo biyyaalessaa yaa’ii waliigalaa akka gaggeessuuf dabarse fudhachuu dhisuus ibsaniiru.

Mootummaan Federaalaa waliigalteen Piriitooriyaa hojirra akka ooluuf hojjechaa jiraachuu ibsuun, Mootummaan haala waqtaawaa naannichaa hordofaa jira jedhan.

Hawaasni Idil Addunyaa rakkoo naannichatti mudate furuuf deeggarsa barbaachiisu akka taasisuu waamicha dhiyeessaniiru.

Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaan haala nageenya Naannoo Tigraayirratti ibsa kennaniin, yeroo dhiyoo as gareen kun hojiilee Bulchiisi Yeroo naannichaa hojjeturratti danqaa ta’uu kaasaniiru.

hawaasni Idil Addunyaa fi Mootummaan Federaalaa ijaarsa nageenya waaraa naannichaaf gahee qaban cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

Saamu’eel Hagositu gabaase.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment