Ministeerri Bishaaniifi Inarjii hawaasa godina Booranaatti hongeen miidhameef deeggarsa nyaataa Birrii miiliyoona 6.7 taasise

Finfinnee, Guraandhala 23, 2015(FBC)- Ministeerri Bishaaniifi Inarjii hawaasa godina Booranaatti hongeen miidhameef deeggarsa nyaataa garaa garaa Birrii miiliyoona 6.7 taasise.

Ministeerichi deeggarsa daakuu , Zayita nyaataa, Ruuzii, sukkaaraafi nyaata garaa garaa Birrii miliyoona 6.7oliin bituun deeggarsa taasisuu Ministirri Ministeera Bishaaniifi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan ibsaniiru.

Ministeerichi hawaasa rakkoo hongeen midhaa keessa jiruuf deggarsa taasisuun cinaatti piroojektoota bishaanii rakkicha waaraan furan irratti xiyyeeffatee hojjachaa jiraachuu eeraniiru.

Deeggarsa nyaataa fidanis bulchiinsa godinichaatti dabarsanii kennaniiru.

Bulchaan godina Booranaa Obbo Jaarsoo Boruu, deeggarsa taasifameef galateeffachuun, deeggarsicha saffisaan hawaasa biraan gahuuf kan hojjatamu ta’a jadhan.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.

# Ityoophiyaa #Adwaa #Injifannoo

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment