Ministeerri barnootaa manneen barnootaa naannoo Amaaraatti barbadaa’an deebisanii dhaabuuf deeggarsa Birrii miiliyoona 100 taasise

Ministeerri barnootaa manneen barnootaa naannoo Amaaraatti barbadaa’an deebisanii dhaabuuf deeggarsa Birrii miiliyoona 100 taasise

Finfinnee, Fulbaana 6, 2014 (FBC)- Ministeerri barnootaa manneen barnootaa garee badii ABUTiin naannoo Amaaraatti barbadaa’an deebisanii dhaabuuf deeggarsa Birrii miiliyoona 100 taasiseera.

Gareen shororkeessaan ABUT naannichatti mannee barnootaa kuma 2 fi 950 ol barbadeessuusaa Itti gaafatamaan Biiroo Barnoota mootummaa naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Geetinnat ibsaniiru.

Miidhaa qaqqabee kanaanis barattoonni miiliyoona 1 fi kuma 500 ol barnoota isaaniirraa kan fagaatan ta’uus ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injinaar Geetaahun Makuriyaa gama isaaniitiin rakkoon kun ji’a Fulbaanaatti barattoonni akka hin baranne kan taasise yoo ta’u, waraanichaan daa’imman maatiisaanii dhabuu fi daa’imman miidhaman jiraachuun rakkicha kan hammeessu ta’uu ibsuu isaanii AMKn gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment